Log Image

BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI “WAAJJIRA BULCHIINSA GODINA HARARGEE BAHAA”

ኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት “የምሥራቅ ሐረርጌ ዞን መስተደድር ጽ/ቤት"

Oromia National Regional State “East Hararghe Zone Administration Office”

ADMIN Logo

Who We Are

The East Hararghe Zone Administration Office is one of 21 zones of oromia Regional State and a leading in ensuring good governance, effective service delivery, and sustainable development in the Zone. Guided by the laws and regulations of Oromia Regional State, our office works to serve the people with integrity, transparency, and accountability.


Admin
ADMIN Logo

Our Key Focus Area

  1. Policy and Program Implementation – Oversee and support the execution of government policies, strategies, and development programs.
  2. Public Service & Complaints Handling – Listen to community voices, resolve petitions and complaints, and ensure fair and timely decisions.
  3. Support & Follow-up – Monitor progress, provide technical support, and encourage active participation of all communities in social and economic development.
  4. Research & Reporting – Collect and organize data, prepare reports, and share information for better decision-making.

Admin

ADMIN Logo

Vision

By 2022, to see East Hararghe become a symbol of prosperity and progress in the Oromia Region..


Obbo Mahammaddiin

ADMIN Logo

Mission

To deliver good governance and ensure that government policies and development strategies bring real benefits to the people of East Hararghe..


Obbo Mahammad Jamaal

ADMIN Logo

Our Core Values

  1. Shared Vision;
  2. Optimism for Change;
  3. Participation and Inclusiveness;
  4. Integrity and Respect for People;
  5. Transparency;
  6. Spirit of Service;
  7. Accountability;
  8. Efficiency;
  9. Teamwork;
Obbo Mahammaddiin

Marsariitii Wajjira Bulchinsa Godina Harargee Bahaa


Mrs. Misky's photo


Bulchaa:Adde Miskii Mahaammad

Baga Gara Marsariitii Waajjira Keenyaa Nagayaan dhuftan!


"Hawaasa godina Hararghee Bahaa, hammattootaafi sabdaneessa tahan carraa bulchuu argachuu keenyaaf itti boonna. Misooma hunda galeessa tahe mirkaneessuudhaan, bulchinsa gaarii sabachiisuudhaan, jiruufi jireenya jiraattota godinichaaa qulqullina olaanaa qabu dhugoomsuun ergama ijoo keenya. Qananiifi badhaadhina heegeree keenyaa milkeessuuf akkuma waliin hojjachaa jirutti, tajaajiloota nuti kennaa jirruufi piroojektiilee misooma hawaasa diinagdee nuti hojjachaa jirruu hunda nu hordofaa, yaada keessan, qabeenyaafi beekkomsa qabdan nuuf gumaachaa!"


-Adde Miskii Mahaammad



footoo bulcha

Wa'ee Keenya

Waajjirri Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa, hojiiwwan bulchiinsaa, misoomaa fi tajaajila hawaasummaa godinicha keessatti hojjatamaa jiran qindeessuudhaaf, hordofuudhaafi deeggarsa laachuudhaadhaaf dhaabbata mootummaa itti gaafatamummaa olaanaa qabu dha. Waajjirri keenya tajaajila diinagdee, hawaasummaafi bulchinsa gaarii; iftoomina fi amanamummaa irratti hunda’ee, bu’a qabeessa ta’e fi fedhii jiraattota godinichaa jiddugaleessa godhate dhugoomsuu hojjechuu irratti xiyyeeffata.

Ergamni keenya misooma hawaasa-diinagdee hirmaachisoo ta'e cimsuu, hirmaannaa dimokraatawaa jajjabeessuu fi haala uummanni hundi tajaajila mootummaa, nageenya fi carraa misoomaa haqa qabeessa ta'e itti argachuu danda’an uumuu dha. Hojii kana keessatti, waajjirri keenya dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee hawaasaa fi deeggartoota misoomaa waliin qindoominaan hojjechuun misooma waaraa fi tasgabbaa’aa godinicha keessatti mirkaneessuuf tattaafata.

Mul’atni keenya immoo, godina Harargee Bahaa, godina badhaadhinaa fi nageennyi waaraan keessatti mirkanaa'e; hambaaleen aadaa fi seenaa ummataa keessatti eeggame, qabeenya uumamaa itti tikfame; fi uummanni isii misooma hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qooda fudhate uumnee arguudha.

Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa uummata tajaajiluu keessatti kutannoo fi amanamummaan hojjechuun, dhimma gaggeessummaa qofaan osoo hin taane, ummata bulchaa jirru waliin michoomuufi irroomuuti je'eeti amana.



I/A bulchaa:Obbo Mahammaddiin Kabiir-Husseen

Kabajamtoota hordoftoota marsariitii waajjira keenyaa


Baga gara marsariitii wajjira bulchinsa godina Harargee Bahaatti nagayaan dhuftan, isiniin jechaa, nu hordofuu keessaniif, maqaa bulchinsa godinaatiin baayyee baayyee galatoomaan isiniin ja'a. Imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru keessatti, gara marsariitii keenyaa dhufaatii keessan akka cuqaasa marsariiticha qofaattii miti kan yaadnu-akka walitti dhufeenya, walhubannaafi waldeeggarsa keenyaatti malee.

Daandii badhaadhummaa keenyaa kan saaqamu, sadoofi dhibaahummaan osoo hin taane, ijjannoo, ciccoominaafi gamtoomina keenyaani . Badhaadhina dhaloota heegeree dhugoomsuudhaaf, takkaan takkaa tarkaanfiilee gara fuulduratti taasisnuu, ofitti amanamummaa, ifaajjeefi tokkummaa keenya gaafata. Kenneen immoo, bakka walitti dhufeenyi, walhubannaafi waldeeggarsi keenya hin jirretti waan yaadamuu miti

Imala gara badhaadhinaatti taasisnu keessatti, kan milkeesinu badhaadhina qofaa miti— tokkumma ummataatiifi biyya keenyaati ijaarra; aadaa jiruufi jireenya ummata keenyaati ammayyeessina; Seenaa dhaloota heegereetiif madda kaka'umsaa, hamileefi galtee humna jijjiiramaa ta'ee tajaajilu bu'ureessina . Harra caalaa boruuf haa yaadnu, miira tajaajiltummaatiifi yeroo hin qabnuutiin haa carraaqnu..

Ijaarsi daandiin Badhaadhina galmaa keenya kan maayyiitii miti-imala guddina safisaafi itti fufinsa qabuuti malee. Qormaatiileen imala taasisnu keessatti nu mudatan hundi waamicha afeerraa gara ciminaafi qaroomina caalmayaati, qophaa'ummaa caalmayaa eegeree waliin ijaaraa jirruuti.

Mullata sammuu, cimina irreefi tajaajiltummaa onnee teenyaa tokkoomsuudhaan,waliin haa imallu!


Kabajamtoota hordoftoota marsariitii Waajjira bulchinsa godina H/Bahaa!


Baga gara marsariitii wajjira bulchinsa godina H/Bahaa dhuftan, isiniin jechaa, dhufaatii teessan, kabajaa fi ulfina guddaadhaan simachuu keenyaan isiniif ibsuu barbaada. Imala badhaadhina jiraattota godinichaa mirkaneessuudhaaf taasisnu keessatti, marsariitii waajjira bulchinaa godinaa wirtuu odeeffannoo qofaa osoo hin taane, iddoo riqicha walhubannoo, , tumsaafi itti gaafatamummaa waloo itti ijaaruudha.

Addunyaa haalli bulchinsaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti, raawwii itti gaafatamtoota seektaraalee qindeessuu irraa eegalee hanga bulchinsa gaarii mirkaneessuutti hojiilee jiran milkeessuun kan danda’amu, mariin itti fufina qabu, michuummaafi kaayyoon waloo yoo jiraate qofaadha.

Akka itti gaafatamaa waajjira bulchinsaatti, adeemsa aadaa hojiilee oggummeessuu, itti gaafatammummaafi hirmaachisummaa dhugoomsuudhaaf taasisaa jirru keessatti, gahee narraa eeggamu sadarkaa ol'anaadhaan akkan bahadhu wa'adaan gala.

Akkuma tokkoon tokkoon keenya lammii tajaajiluudhaaf dirqama dhunfaatiifi waloo qabnutti-itti quufinsa jiraattota godinichaa sadarkaa ol'aanaan mirkaneessuudhaaf, tajaajilaa qulqulluufi seera qabeessa ta'e ummata biraan gahuudhaaf waliin haa hojjannuu!

Misooma diinagdee, hawaasummaafi bulchinsa gaarii mirkaneessuudhaaf akkuma waliin hojjachaa jirru, tumsa, yaadaafi duubdeebii isin nuuf gumaachitan gammachuudhaan kan simmannu tahuu keenyaa kabajaadhaan isin hubachiisa.

heed-foto

Obboo Mahammad Jamaal Ibroo:Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchinsaa

?>

Toora Xiyyeeffannoo Keenya

Hojiirra oolmaya imaammataa

Hojiirra OOlmaya imaammatoolee, tarsiimoleefi sagantaalee misoomaa ni hordofa, ni too’ata, deeggarsa ni laata

Kenna Tajaajilaafi komii ummataa

Sagalee hawaasa dhageeffachuu, komiilee dhihaataniif furmaata laachuu. Murteen haqa qabeessaafi yeroo isaa eeggate kennamuu isaa mirkaneessuu;

Hordoffiifi deeggarsa

Jijjiirama hordofuu, deeggarsa teeknikaa kennuu, sochii misooma hawaasa diinagdee taasifamu irratti hirmaannaa kutaa hawaasa hunda jajjabeessuu.

Qorannoofi Qu'annoo

Ragaalee sassaabuufi qindeessuu, xiinxaluu, gabaasa qopheessuu fi kenna murtii fooyyaumsa qabuu kennuuf akka gargaaru tamsaasuu

Gola Oduu

?>

Sirna Baniinsa Misooma Sululaa Bara 2018

Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa Magaalaa Gurawaatti Waldayootaa Kanaan dura iddoo mana jireenya fudhachuuf Ulaagaa guutani Ijaaramanii fi kan bara 2018 Ijaaramanii waldaa 8 dabalatee Lafti Mana Jireenyaa Qophaa'ee Turee bakka ulchaan Bulchinsa Godina Harargee Bahaa Addee Miskii Mahammadii fi Hoggantuun Biiroo Iafaa Lafa Oromiyaa Addee Masarat Asaffaa,Hoggansi Aanichaa argamanitti Lafti Mana Jireenyaa dabarfamuun kennameera.

Lafti mana jireenyaa kun Qaamoota garagaraa kanneen akka Hojjatoota Mootummaa, RIB ,ogeeyyii fayyaa ,Barsiisoota ,Qaamoolee Seeraa Fi Haqaaf akkaata seera eeggateen kan ijaaraaniif waldayoota 14 kan miseensaa 336 qabuuf lafti Karee metirii 67,200m2 kennamee jira.

Posted by: Abdi Hassan | Guyyaa: 2026-01-14 07:44:20

Bu'aalee Hojiilee Misooma Diinagdeefi Hawaasummaa


Hojiilee misooma diinagdeetiifi hawaasummaa baroottan dabran kana keessa hojjachaa turreen, bu'aaleen ummanni keenya qabatamaadhaan irraa fayyadamaa jiran galmeessuu dandeenyeeti jirra. Footoolee bu'aa hojiilee keenyaa ilaaluu yoo barbaaddan as Tuqaa

Hojiilee Inishetiivii Qamadii

qamadii


Gara keenya dhufuu yoo barbaaddan, magaala Harar, Siidaa raas mokonan gara bittaa irratti argamna


gemoo-bulchinsa

Maapii iddoo jirruu beekuu yoo barbaaddan:


50