
Bulchaa:Adde Miskii Abrahim
Baga Gara Marsariitii Waajjira Keenyaa Nagayaan dhuftan!
"Hawaasa godina Hararghee Bahaa, hammattootaafi sabdaneessa tahan carraa bulchuu argachuu keenyaaf itti boonna. Misooma hunda galeessa tahe mirkaneessuudhaan, bulchinsa gaarii sabachiisuudhaan, jiruufi jireenya jiraattota godinichaaa qulqullina olaanaa qabu mirkaneessuun ergama ijoo keenya. Qananiifi badhaadhina eegeree keenyaa dhugoomsuudhaaf akkuma waliin hojjachaa jirutti, tajaajiloota nuti kennaa jirruufi piroojektiilee misooma hawaasa diinagdee hojjachaa jirruu hunda nu hordofaa, yaada keessan, qabeenyaafi beekkomsa qabdan nuuf gumaachaa!"
-Adde Miskii Abraahimiin
Wa'ee Keenya
Waajjirri Bulchiinsa Godina
Harargee Bahaa, hojiiwwan bulchiinsaa, misoomaa fi tajaajila hawaasummaa
godinicha keessatti hojjatamaa jiran qindeessuudhaaf, hordofuudhaafi deeggarsa
laachuudhaadhaaf dhaabbata mootummaa itti gaafatamummaa olaanaa qabu dha. Waajjirri keenya
tajaajila diinagdee, hawaasummaafi bulchinsa gaarii; iftoomina fi
amanamummaa irratti hunda’ee, bu’a qabeessa ta’e fi fedhii jiraattota godinichaa
jiddugaleessa godhate dhugoomsuu hojjechuu irratti xiyyeeffata.
Ergamni keenya misooma hawaasa-diinagdee hirmaachisoo ta'e cimsuu, hirmaannaa dimokraatawaa
jajjabeessuu fi haala uummanni hundi tajaajila mootummaa, nageenya fi
carraa misoomaa haqa qabeessa ta'e itti argachuu danda’an uumuu dha. Hojii
kana keessatti, waajjirri keenya dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee hawaasaa
fi deeggartoota misoomaa waliin qindoominaan hojjechuun misooma waaraa fi
tasgabbaa’aa godinicha keessatti mirkaneessuuf tattaafata.
Mul’atni keenya immoo, godina Harargee Bahaa, godina badhaadhinaa fi
nageennyi waaraan keessatti mirkanaa'e; hambaaleen aadaa fi seenaa
ummataa keessatti eeggame, qabeenya uumamaa itti tikfame; fi uummanni
isii misooma hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qooda fudhate
uumnee arguudha.
Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa uummata
tajaajiluu keessatti kutannoo fi amanamummaan hojjechuun, dhimma gaggeessummaa qofaan osoo hin taane, ummata bulchaa jirru waliin michoomuufi irroomuuti je'eeti amana.

I/A bulchaa:Obbo Mahammaddiin
Kabajamtoota hordoftoota marsariitii waajjira keenyaa
Baga gara marsariitii wajjira bulchinsa godina Harargee Bahaatti nagayaan dhuftan, isiniin jechaa, nu hordofuu keessaniif, maqaa bulchinsa godinaatiin baayyee baayyee galatoomaan isiniin ja'a. Imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru keessatti, gara marsariitii keenyaa dhufaatii keessan akka cuqaasa marsariiticha qofaattii miti kan yaadnu-akka walitti dhufeenya, walhubannaafi waldeeggarsa keenyaatti malee.
Daandii badhaadhummaa keenyaa kan saaqamu, sadoofi dhibaahummaan osoo hin taane, ijjannoo, ciccoominaafi gamtoomina keenyaani . Badhaadhina dhaloota heegeree dhugoomsuudhaaf, takkaan takkaa tarkaanfiilee gara fuulduratti taasisnuu, ofitti amanamummaa, ifaajjeefi tokkummaa keenya gaafata. Kenneen immoo, bakka walitti dhufeenyi, walhubannaafi waldeeggarsi keenya hin jirretti waan yaadamuu miti
Imala gara badhaadhinaatti taasisnu keessatti, kan milkeesinu badhaadhina qofaa miti— tokkumma ummataatiifi biyya keenyaati ijaarra; aadaa jiruufi jireenya ummata keenyaati ammayyeessina; Seenaa dhaloota heegereetiif madda kaka'umsaa, hamileefi galtee humna jijjiiramaa ta'ee tajaajilu bu'ureessina . Harra caalaa boruuf haa yaadnu, miira tajaajiltummaatiifi yeroo hin qabnuutiin haa carraaqnu..
Ijaarsi daandiin Badhaadhina galmaa keenya kan maayyiitii miti-imala
guddina safisaafi itti fufinsa qabuuti malee. Qormaatiileen imala taasisnu
keessatti nu mudatan hundi waamicha afeerraa gara ciminaafi qaroomina
caalmayaati, qophaa'ummaa caalmayaa eegeree waliin ijaaraa jirruuti.
Mullata sammuu, cimina irreefi tajaajiltummaa onnee teenyaa
tokkoomsuudhaan,waliin haa imallu!

Mahammad Jamaal:Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchinsaa
Kabajamtoota hordoftoota marsariitii Waajjira bulchinsa godina H/Bahaa!
Baga gara marsariitii wajjira bulchinsa godina H/Bahaa dhuftan, isiniin
jechaa, dhufaatii teessan, kabajaa fi ulfina guddaadhaan simachuu keenyaan
isiniif ibsuu barbaada. Imala badhaadhina jiraattota godinichaa
mirkaneessuudhaaf taasisnu keessatti, marsariitii waajjira bulchinaa
godinaa wirtuu odeeffannoo qofaa osoo hin taane, iddoo riqicha walhubannoo,
, tumsaafi itti gaafatamummaa waloo itti ijaaruudha.
Addunyaa haalli bulchinsaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti,
raawwii itti gaafatamtoota seektaraalee qindeessuu irraa eegalee hanga
bulchinsa gaarii mirkaneessuutti hojiilee jiran milkeessuun kan danda’amu, mariin
itti fufina qabu, michuummaafi kaayyoon waloo yoo jiraate qofaadha.
Akka itti gaafatamaa waajjira bulchinsaatti, adeemsa aadaa hojiilee
oggummeessuu, itti gaafatammummaafi hirmaachisummaa dhugoomsuudhaaf
taasisaa jirru keessatti, gahee narraa eeggamu sadarkaa ol'anaadhaan
akkan bahadhu wa'adaan gala.
Akkuma tokkoon tokkoon keenya lammii tajaajiluudhaaf dirqama dhunfaatiifi
waloo qabnutti-itti quufinsa jiraattota godinichaa sadarkaa ol'aanaan
mirkaneessuudhaaf, tajaajilaa qulqulluufi seera qabeessa ta'e ummata
biraan gahuudhaaf waliin haa hojjannuu!
Misooma diinagdee, hawaasummaafi bulchinsa gaarii mirkaneessuudhaaf
akkuma waliin hojjachaa jirru, tumsa, yaadaafi deebdeebii isin nuuf
gumaachitan gammachuudhaan kan simmannu tahuu keenyaa kabajaadhaan isin
hubachiisa.
Bu'aalee Hojiilee Misooma Diinagdeefi Hawaasummaa
Hojiilee Misooma Sululaa
Bu'aa Misooma Sululaa
Hojiilee Inishetiivii Qamadii
Bu'a Inishetiivi qamadii
Hojii inishetiivii misooma lukkuu
Bu'aa inishetiivii misooma lukkuu
Bu'aa inishetiivii misooma beeyladaa
Bu'aa inishetiivii misooma Barnootaa
Bu'aa misooma Bishaan dhugaatii
Gara keenya dhufuu yoo barbaaddan, magaala Harar, Siidaa raas mokonan gara bittaa irratti argamna




